Oromiyaan Biyya(Oromia is a country)

Seenaan harma muraa Oromoo irratti raawwate morma muraadhaan irra deebi’ame!

Oromiyaa jeequmsa guutuu keessa jirti. Buufata torbanitti dhibbaan lakkaa’aman kan ajjeefaman yoo ta’u, miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee fi qonni isaanii barbadaa’ee qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Milishoonni hidhannoo qaban akka fedhanitti gandoota saaman, dirooniin, jeettiiwwanii fi helikooptaroonni ammoo loogii tokko malee boombii namoota nagaa irratti roobsu. Thank you for reading this post, don't forget to subscribe! Jeequmsa kana dura yeroo dheeraa dura, bara ji’a daadhii wayinii sirna kanaa, baay’een keenya garaagarummaa siyaasaa karaa nagaa marii fi mariitiin akka furan gorsinee, kadhannaa fi kadhachaa turre. Dhaggeeffachuuf fedhii waan hin qabneef inumaayyuu meeshaa waraanaa filatan. Waggaa afur booda karaan isaan filatan fashalaa’uu qofa osoo hin taane haalli jiru hammeessee jira. Akka qaama tooftaa farra fincilaatti namoota nagaa sochoosuu fi hidhachiisuun waldhabdee horizontal/ communal waldhabdee lubbuu namaa galaafatu kan nuti argaa jirru kakaasee jira. Mootummaan haala jiru to’achuuf akka hin dandeenyee fi fedhii akka hin qabne ifaadha. Oromiyaan haala jeequmsaa keessa jirti jechuun xiqqeessuudha. Kan nama ajaa’ibu, warri aangoo irra jiran ammallee, dhiheenya kana akkuma torban darbee, adeemsa waraanaa yaalamee fi fashalaa’etti maxxanuu fi nagaa fi tasgabbii naannichaa deebisuuf furmaata siyaasaa barbaaduuf fedhii dhabuu irratti cichanii jiru. Kanaaf du’a, badiisaafi bittinnaa’uu danda’uuf komachuun mootummaa irratti squarely kufa. Kanarraa ka’uun dhiibbaan biyya keessaas ta’e idil-addunyaa osoo yeroon hin darbiin dura mootummaan daandii akka jijjiiru dhiibuu irratti xiyyeeffachuu qaba.

Seenaan Oromoon dabarse maal fakkata?

Uummanni Oromoo waggoota hedduudhaaf impaayera itoophiyaa jalattii garboomaa qolachuuf warageema qaqqaalii geggeessaa tureera. Baroota 60tamoota,70m00ta kaasee dhibbaan ijoollee Oromoo siyaasa keessa dhiibuus tahee lafa oromoo karaa garaagaraa saamuu mootummoota dhufanii darbaniin adeemsifamaa tureera. Uummanni oromoos tole jedhee garbummaaf osoo hin bulle Haati ulfa itti wareeguun, daa’imaa hanga maanguddootti wareegamaa tureera. Wareegama Ture Qeerroon oromoo diddaa garbummaaf karaarra konkolaataan harkifamee du’eera, rasaasaan adda keessa rukutamee kan du’e kumaatama. Oromoon biyya Itoophiyaa jedhamu keessatti mirgi saba hundaa kabajamee akka jiraatu gaafatus Itoophiyaan lafee oromoo cabsuuf foon ilmaan oromoo nyaachuurraa boodatti hin deebine.adeemsi kunimmoo biyyi kun kufaatii dinagdeen boodatti akka deemtuuf sababa guddaa ta’eera. kanuma hordofuun biyyi kun mootummoonni garaagaraa maqaa sirnaa jijjiirratanis gocha kana irraa barachuu hin dandeenye,isuumaayyuu yeroodhaa yerooti diinummaan saba gidduutti dagagaa deemurraa kan ka’e sabni waliin jiraachuun sadarkaa yaddeessarra ga’eera. Uummata Oromoo biratti Itoophiyaan biyya dhiiga oromoo xuuxuun beekamtii fudhatteedha.Itoophiyaan biyya olaantummaa saba tokkootti amantu, seerri biyyattii sirrii tahusnamootni seericha hojiirra oolchina jedhan murna tokkoorraa ijaaramuurraa kan ka’e seerri akka waan hin jirreetti olaantummaa saba Amaaraa kabachiisuu dursa kan kennaniidha. Olaantummaa Saba Tokkoo Seenaa siyaasa Itoophiyaa kessatti Uummanni Amaaraa fi Tigiree Olaantummaa Kaabaa jedhanii leellisuun uummata oromoo garbummaaf hacuucaa turuun uummatni Oromoo kan hidhatee, kaan biyyaa bahee, kan mana hidhaatti darbatamee garbummaa diduuf dirqamsiiseer. Dhiyeenya kana Qabsoo Uummata Oromoo keessatti wantoonni lama gaaffii deebii hatattamaa barbaadaniidha, isaanis Afaan Oromoo Afaan Federaalaa akka tahuufi, Finfinnee magaalaa guddoo Oromiyaa akka isheen taate mirkaneessudha. Ofii gaaffiin Uummata Oromoo maal ture Kana biratti gaaffiin Uummata Oromoo mirgi nama kamiiyyuu nama tahuu isaatiin akka kabajamuuf gaafachudha. Haaluma kanaan uummanni Oromoo dhiibbaa hagas uulfaatu baate dhufus bara 2006-2008 qeerrroon Oromoo bahaa dhihaa,kaabaa-kibbaa walittii dhaamuudhaan wareegama qaalii kaffaluun waayyannee 4 kiiloo keessa baasuun uummata Oromoo biiratti seenaa hin dagatamne tahee galmaa’eera. Jiiiramni qeerroon fide kunis gaaffiiwwan gurguddoo lamaan deebisuu bira darbee uumata Oromoof boqonnaa waaraa kennaan abdii Uumata bal’aa fi soda warra olaantummaa kaabaa leellisuuti. Jijjiiramni kunis Oromoo aangessuun gammachuu saba Oromoo hundumatti horeera. Haa tahu malee qabsoon butamuu eegale. Mootummaan harka uummataan aangootti ol bahe Abiyyi Ahmed Waraanni Bilisummaa Oromoo(WBO) akka hiikkatu ajaja dabarsuun jijjiiramicha of duuba deebisa kan jedhu yaadotni hedduun akka qeeqqaatti ka’aniiru. ABO’n waggoota hedduudhaaf shororkeeffama guyyaa kana gahe guyyaa bilisoomneerra jedhee hiikkatee dhaaba Badhaadhina jedhee maqaa moggaafate kanatti dabalamuun namoota baayyee shakkisiiseera, WBO waraanni ABO keessatti biqilee guddatee kunis ABO ‘n seenaa uummata Oromoo dhaloota dhalootatti akka darbuuf gumaacha taasise maqaa tokkichaan siyaasa keessa dhiibamuun ammas ittuma fufe. Kana booda uummanni oromoo aarsaa hin barbaachisnee keessumeessuuf mootummaa Oromootii aangoorra jiru dirqameeera

Jalqaba bara 1990mootaa

Jalqaba bara 1990mootaa, tibba gannaa keessa guyyaa tokko gaazexessitoonni Oromoo hedduun leenjiidhaaf afeeramanii galma Raadiyoo Itoophiyaa durii kan marfata Abuna Pheexiroos cinatti argamu keessatti walgahan. Gaazexessitoonni Oromoo akkanatti walgahuun isaanii seenaa biyyattii keessatti kan jaqabaa tahuu hin hafu. Hunduu miira si’oominaa fi gammachuutiin leenjicha irratti hirmaachuuf argame. Galmi leenjiis golee hanga goleetti guuteera. Leenjicha jalqabsiisuuf achitti kan argaman anga’aan mootummaa tokko kaayyoo leenichaa, kaayyoo mootummaa fi waa’ee gaazexessummaa Oromoo erga dubbatanii booda hayyoota leenjii kennuuf afeeramanii achitti argaman leenjistootaan wal barsiisani. Isaan keessaas Hayyuu Yuunivarsitii Finfinnee irraa dhufan tokko kabajaadhaan gara waltajjii leenjiitti afeerani. Hayyuun kunis gaazexessitoota nagaa erga gaafatanii booda mata duree leenjii isaaniif kenname ibsuu jalqaban. Gidduutti garuu miira gaaffii fi xiiqii fakkaatu keessa galuun leenjifamtoota ija keessa ilaalaa kokkolfaa akkas jedhan,

“Isin amma dhuguma gaazexessitoota Oromootii?

“Ani waan isin dubbattani fi dubbistan kanan dhagahu Afaan Amaaraa xinnoo xinnoo waanan beekuuf male wanti isin dubbattan hiika hin qabu. Hisgeengoo…gaaguphii…wayiiti” jedhan. ‘Hisgeengoo’…jechuun maal jechuu akka tahe hunda keessaniif akkuma hin galle dubbiin isin miidiyaa irratti dubbatan namaaf hin galu jedhan. Gaazexessitoonnis miiraa of-gaafachuu keessa galuun hedduu kolfani, kan ofitti aares danuudha. Hayyuun kun fakkeenyaan garagaraa kaasuun waa hedduu erga ibsanii booda, “amma isiniin waa’ee afaan Oromoo barsiisuu dura Oromoon maal akka tahe jalqaba irraa kaasanii isin barsiisuutu dursa” jedhan. Maaliif yoo jettan isin ” warra badee warra itti bade warra se’ee achumaan badee hafe dha, kanaaf jalqaba galuu qabdu” jedhan. Dabalaniis, kokolfaa “Gowwaan gara itti bade warra se’a” jechuun hunda keenya makmaaksaan garmalee abootani. Hayyuun kun yayyaba uumama Horoo isa hangafticha Oromoo irraa kaasanii, waa’ee Walaabuu tarreessanii, dhugeeffannaa fi waaqeffannaa Oromoo toko-lamaan ibsanii, sadarkaa qaroominaa Oromoon irra gahee jiru agarsiisanii barnoota bara-baraan hin dagatamne barsiisani. Gaafas gaaxessitoota hedduutu gara itti badee deebi’ee gale. Leenjii fi gorsi hayyuun kun gaafas kennan sun karaa hedduudhaan gaazexessummaa Oromoo fooyyesseera. Warri leenjii sanarra turan kanaaf ragaa dha.

Post a Comment

Previous Post Next Post