Ogbarruun Ibsituu eenyummaa saba tokkooti. Namni miira isaa ibsachuuf gosoota ogbarruu fayyadamee dhimma ba’a. namni yoo wal lole araarsuuf, dubbii fixuuf uummanni oromoo jaarraa hedduudhaaf dubbiitti qulfii gochuuf makmaaksa fayyadamaa tureera. Maarree ogbarruun jireenya uummata keenyaan kallttiin walitti hidhatee jira. Maal kana qofa dargaggoonni keenya yeroo jaalallee isaaniif miira isaanii ibsuu barbaadan walaloo fayyadamuun ogbarruutti dhimma bahu. Ogbarruun jaalala in ibsa,gadda ni ibsa,ogbarruun mara. Daa’immaan yeroo xiqqummaa isaanii kan ittiin bohaaraa guddatan hibboon gosoota Afoola oromoo keessa isa beekamaadha. Ogbarruun ummmata Oromoof lafee dugdaati. Afoolli abboota keenyarraa afaanii afaaniin daddarbaa kan dhufe yoo ta’u amma bifa kitaabotaatti,barreeffamoota garaagaraatti ol guddateera. Galanni qabsaa’ota keenya warra seenaa nuun ga’an kan akka Shek Bakarii Saaphaaloo, Hayilee fidaa fi kanneen birootti in xiqqata. Uummanni oromoo aadaa osoo hin ganiin dhiibbaa baayyee dabarsee afaan isaa,eenyummaa isaatiin boonaa harra ija ol qabateera. Kanaaf gumaachi uummata cunqursamaa,ajjeefamaa turee akka laayyootti kan ilaalamu miti. Harras dhaloonni Ogbarruu oromoo guddisuu keessatti qooda olaanaa taphachaa jiru,kun immoo namni eenyummaa isaa beekuu bira akka ga’e nu hubachiisa. Afaan ibsituu saba tokkoti,Afaan oromoos afaan radiyoo cabsu jedheenii osoo ciqilanii amma afaan gaanfaa Afrikaatti saba baayyeen dubbatamu ta’uu bira darbee afaan sadarkaa addunyaatti dorgommii keessa galeedha. Sadarkaa teeknooloojiitti ol guddisuuf akkasumas addunyaatti saba Oromoo beeksisuuf gahee olaanaa kan taphatan Gootota lubbuun jiran keessaa hojiin Abdiisaan Banchaa(Ogeessa IT)fi gareeen isaa hojjetan uumata Oromoo kan boonseedha. Galanni jaraa uumata Oromoo biratti cirracha Abbayyati. Namootni hedduun kallattii garaagaraatiin Afoola Oromoo guddisuu keessatti gahee.
Thank you for reading this post, don't forget to subscribe!
Uummatni Oromoo ogbarruu ofii qaba. Ogbarruu fayyadamuun haala jiruu fi jireenya isaa ibsata. Ogbarruun Oromoo yeroo gara yerootti suutan dagaagaa kan dhufeedha. Haala guddinaafi dagaagina ogbarruu Oromoo keessatti, dhiibbaa mootummoonni darban biyya keenya bulchaa turan irraan ga’an irraa kan ka’e afaanichi carraa afaan hojii, afaan barnootaa, afaan sab-qunnamtii, afaan qorannoofi qo’annoo akkasumas carraa afaan barreeffamaa ta’uu sadarkaa eegameen argachaa turu dhabuun qancaruu danda’e
Tags:
Oromoo