Jaalala online irraa seenaa dhugaa

Maqaan ko Solomoon Gaarradoon jedhama. Godina shawaa lixa aanaa Calliyaa ganda qotee bulaa Walqixxummaa Tulluu maraa jedhamtu keessattan dhaladhee guddadhe. Ani mucaa baadiyyati. Dhugaa dubbachuuf garuu muudiin ko kan ijoollee magaalaati olidha. Of jajje naan jechuu dandeessu an garuu dhugaa qabatamaan sitti hime. Yoo siif liqimfamuu dide bishaanin liqimsi. Ani maatii koof mucaa lammaffaadha. Maatiin koo hedduu na jaalatu. Jireenya mucaan baadiyyaa tokko dabarsu dabarseera. Horii nan tiksa. Laga bu'ee bishaan nan waraaba. Yeroo harmeen Gabaa deemtu buna danfiseen eega. Caakaa deemee qoraan funaaneera. Gaafan qoraan funaanee galu waanan argadhu ana qofatu beeka. Namni hundi hin beeku. ongochaa jechuun kan yeroo buddeen tolchuuf jedhan dursa tolchanidha, achuman akka eeleen ho'e ittiin ilaaluf . Egaa haala kana hunda keessa darbee umuriin koo waggaa 6 gaafa guutu gara dirree waranaan deeme rasaasa koo qalaman ykn 'biiriidhan' Diina koo isa jalqabaa Wallaalummaa waraanuuf (yoona siif hin gallem barnoota koo kutaa 1ffaan jalqabee siin jechuufani). Abeet tapha yeroo sanaa life'n bar elementaryti hafee man, ofumaa university jedhu malee. Wal aariinee harcummeen wal cagadaa; wal kuffisnee awwaaraan wal dhiqaa.... kam sinitti himee kam dhiisu innoo heddudhati. Yeroo sana akka mana barumsaa keenyatti yeroo hiriirree alaabaa yaabsisnu fuuldura kan dhaabatu anadha. xiqqoon anaa gadii mana barnootaa sana keessa hin jiruka. Maalan sitti hima atuu ni beektaat. Ilmi baadiyyaa tokko kan inni kutaa tokko galu eega 'waanta san biqilcheeti. (muu yaa si'ii qaata maalitti yaadde? An isa ati yaadde sana jechuu barbaadee miti. Ani garuu dhaladhee waggaa 6 tti waanan mana barnootaa galeef isaan keessa hin jiru. Dhugaa hasa'uuf warri Dareedhaan (kutaa barnootaan) na caalan "harma guusaaf as si fidanii?" Jedhanii natti qoosu; dhugaadha ni fakkaatas. Haaluma kanaan barnoota koo haala bareedaa ta'een hordofun jalqabe (yeroon siniin jedhu guyyaatti wayitii 6 caalaa hin gubu ). Sanuma keessaa garuu homaa hin jedhu. Egaa daree keenya keessaa cimaas yoon jedhamuu baadhe dadhabaa jedhamee hin hamatamu. Garuu osoon gaaf tokko daree kootii 1-3 ba'ee hin badhaafamiinan barnoota koo hanga kutaa 8ffattan xummure. Amma kutaa 9 geenyeerra sichi daa'ima miti. Garuu ammas kanan sitti himu yoo jiraate xiqqoon anaa gadii kutaa keenya hin jiru. Yeroo hiriyyoonni koo 'chiikii xabbasan' an manatti galeen boqqoollooko 'xabbasa' sababni isaas chikonni daree keenya haadha naaf ta'u. Barnoonni kutaa 10 hanga kutaa 8 yoo ga'uu baateyyuu namatti tola, garuu ni ulfaata. Keessumaa gafa barsiisaan chemistry kutaa galummoo dhugaa waanuman Biyya Ingilizii deeme natti fakkaata. Dogogoree illee Afaan oromoo hin dubbadhu. Calliseedhuman rafa deeksiitti hirkadhee. Yeroo sanatti gosi barnoota ani jaaladhu yoo jiraate Ispoortii qofa. Isayyuu kan dareetti barannu osoo hin taane isa shakkala dirreetti yaanee wal ariinudha. Egaa haaluma hunda keessa dabarree gara kutaa 10ffatti ceene; kutaa 10ffas eegallee jirra. (Kan sidhibu an hanga amma bilbila dhuunfaa koo harka irraa hin qabu naman dhibuu?). Silaa Ijoolleen ammaa kutaa 4 yeroo geessu bilbila naaf bittan malee mana barnootaa hin deemu jettim. An garuu barataa kutaa 10ffa ta'eeyyuu bilbila hin qabu. Yeroo tokko bilbila hedduu na hawwisiise. Yoon hiriyyoota koo harkaa fuudhe deebisi deebisi nan godhu. Osoo naaf danda'amee dhowwadhee nati tola ture. Sadarkaa kanatti bilbila harka kiyya irraa dhabuun koo hedduu na gaddisiise. Akka naaf bitamuufis Aabbaa kiyya kadhachuu akkan qabun murteesse. Guyyaa tokko Aabbaa kiyya miila isaa osoo dhiqachuuf jedhuu argeen dafee dhaqeen "osoo ani Leenci kee jiru gadi jettee ofii keetii miila kee dhiqachuuf moo'' jedheen bishaan harkaa fuudhee miila isaa dhiquufii eegale. Garuu maal jedhee akkan dubbicha eegalu hin beeku na dhiphisaa jira (iinnis akkan waan tokko isa kadhachuuf ka'e narati bare.) "Dur jecha akkasii sirraa dhaga'ee hin beeku har'a maaltu argame?" Naan jedhe. Anis carraa kanatti fayyadameen bilbilli naf bitamuu akka qabu haala kadhaan osoo hin taane akka akeekachiisattan itti hime. Innis waanan jedhe hundumma eega dhaga'ee booda gaaffiin isaa jalqabaa "eenyutti bilbiluufi nuti si bira jirra mitii?" kan jedhu ture. Anis akka nahuu tokko ta'een sagalee lallaafaadhaan "eeyyee. Garuu ijoolleen dareetti qormaata bilbilaan hojjetu. An immoo calliseen isaan laala" jedheen innis "isaaniin ilaaluu dhiistee kankee hin hojjettuuree" naan jedhe. Anis miila isaa isan dhiqaa jiru dhiiseen ka'ee gara harmeen nyaata bilcheessaa jirtu deeme. Yeroo kana imimaan koo qabachuun hin dandeenyen ture. Sababni isaas Aabbaa kiyya deebi'i an hin eegne naaf deebise. Harmee bira eegan ga'ee booda akka Aabbaa kiyya 'bilbilli si hin barbaachisu' naan jedhe imimmaan koo maddii koo irra yaasaa isheetti himee. Harmeenis ofittii na qabdee dhiisi anuu itti siif hima. Yoo didemmoo aniyyuu dhoksee siif bita dhoksitee fayyadamta naan jette. Egaa maal akka jetteenii Beekuu baadhus Torbee tokko booda bilbilli inni bakakkaa fakkatu naaf bitame seeran akkan itti fayyadamuf akeekkachiisa cimaa waliin naaf laatame. Anis tole jedhee fudhadhee barnoota koo itti fufe. Egaa Ergan bilbila bitadhee booda osoo hin jaalatiin mana addunyaa bakka tokkotti qabate jiru keessa anis dhiibbadhee seene. Facebook ergan eegalee waantota hedduun arge. Muraasni akkuma namatti tolan hedduun immoo nama jibbisiisa. Gariin dugdaan cisee, gariin mataan dhaabatee, gariin immoo fuula dhoksee daallee dhiibee, inni kaan uffata ciree qaama isaa mul'isee; seera uumaa cabsee safuu dagatee, bifa bareeda uumaan isaaf kenne 'kosmotiksiin' dhoksee bareeda Rabbi isa badhaase ofuman of irraa mulqee achirratti dhooba. Addunyaan kun buburree ta'uu ishee anis achirrattan hubadhe. Egaa guyyoonni haaluma kanan daddarbanii torbeetti jijiiraman; Torbanoonis walitti kurfayani baatii ta'an baatiinis lakka'aman, anis barnoota koo kutaa 10ffas xumure qabxii na ga'us argadhe gara kutaa 11ffatti darbe. Egaa akkuman sila sinitti hime ani ilma baadiyyaati. Nannoo keenya manni barnootaa yeroo sana Hanga kutaa 10ffa qofatti ture. Kanaafuu kutaa 11ffaa barachuuf gara magaalaa Geedoo bakka dhaloota koo irraa gara bahaatti KM 37 fagaattu deemee barnoota koo hordofuun dirqama filannoo hin qabne natti taate. Egaa anas dabareen na geesse osoo hin jaalatiin maatii koo irraa fagaadhee jiraachuun dirqama nati taate. Silaa akka fedhakoof osoon barnootittii dhiisee maatii koo waliin jiraadhee hedduu natti tola ture. Garuu barnoota barachuun waan narra jiruuf garaa jabaadhee gara sana imalee barnoota koo eegale. Jireenya kophummaas dhamdhamuu eegalera. Dhugaa dubbachuuf jireenyi kophummaa hedduu ulfaata (isa kana namni arge naaf hubata), kan si dhibu dhaladhee umurii koo wagga 16 ttan jireenya kophummaa jiraachuu eegale. Yeroo sana hiriyyaa ani qabu yoo jiraate mobayilii koo qofa. oolmaa koo irra caalaa Facebook irrattan dabarsa yeroon Facebook ilaalu yeroof kophummaa koo nan dagadha. kan si dhibu garuu an yeroo sana telegram maal akka inni fakkaatuyyuu hin beekun ture facebook koo qofan qaxaqaxa. Guyyaa tokko osoon mana bunaa tokko jala taa'uu mucaan cina koo taa'u tokko 'telegram" osoo inni fayyadamuun arge kun immoo maalidha laata jedheen hedduu dinqisiifadhe Facebook caalaa natti toles. Yeroo dhuma kana maal akka ta'e mucaa kana gaafachuu akkan qabun yaade. Anis suuta jedhee sagalee koo gad buuseen "maal fayyadamaa jirta?" jedheen Innis telegiraamin fayyadamaa akka jiruufi telegiraami mal akka ta'e akkasumas maalif akka fayyadu tokko osoo hin hanbisiin waa'ee telegiraami natti hime. Anis 'application' telegiraami akka naaf dabarsun gaafadhee. Innis tole jedhee naaf dabarse. Anis battaluma gara mana koo galeen accounti telegiraami banadhe, hedduus natti tole. Dhugaa haasa'uuf yeroon Facebook keessaa ba'ee telegirami seenu waanuman baadiyyaa irraa ba'ee magaala seene natti fakkaata. Egaa haaluma kanaan osoon fayyadamuu namoota hedduu waliin wal baruu eegale. Kun immoo caalatti akkan qophummaa koo dagadhu na godhe. Guyyaa tokko akkuma barame laaqana nyaadhee akkuman ka'een siree koo irra dugdaan ciisee data bilbila kiyyaa banee telegiraami keessa gulufuun eegale. Osuman group fi channel garagaraa keessa seenee barrefamoota garagaraa dubbisuu, group tokko keessatti mucaa haalaan bareedu tokkon arge akka tasaa mucaayyoon online irra jirti. Anis addatti ishee baasee karaa keessa 'hi" jedheen . Isheenis turtii xiqqo booda "hi" naan jette. Ergan nagaa gaafadhee booda "wal haa barruka eenyu siin jedhu eessa irrayi?" Jedheeni isheenis "Siifan naan jedhan Finfinnee irraa" naan jette. Anis dabaree koo of barsiiseen. Dhugaa dubbachuuf, guyyaan ishee waliin wal bare anaaf guyyaa addatti. Guyyaan sun anaaf guyyaa abaaramaa ture. Garuu yeroo sanaaf guyyaa sana akka guyyaa koo ta'ettan fudhadhe. Hedduun guyyaa sanatti gammade. Garuu maal godha akkan yaade hin taane. Siifan akkuma kiyya barattuu kutaa 11ffati. Kan nama dhibu immoo akkuma koo barattuu Saayinsii hawaasaati. Akka tasaa eega wal barree booda hedduu waliin haasa'uu eegalle guyyoota dheeraafis waliin haasofne. Akkuma bekamu anis jaalallee hin qabu. siifan muca mudhi bareedaa qabdudha. Baay’ee na tolte , keessi koo hedduu ishee jaallate, koo akka taatuufis nan hawwe; hawwuu irra darbees koo godhachuuf maal gochuu akkan qabu yaaduun eegale. guyyaa tokko osuma haasofnuu gaaffii tokkon gaafadheen gaaffin koos "jaalallee qabdaa?" kan jedhu ture. Deebi'iin ishee garuu akkuma an hawwe naaf ta'e "hin qabu" naan jette. Anis akkan ishee jaaladhe battaluma sanan itti hime isheenis "akkamitti na jaallatte?" Jaalalli halaalaa nu miidhuu danda'a" jettee xiqqo akka diduu eega taatee booda "tole'' naan jette. Anis hedduun gammade; hawwiin koos naaf milkaa'ee. Egaa guuyyaa gaaf sanaa kaasnee jaalala haalaalaa waliiin dhamdhamuutti kaane. An silaa kana dura bayy'ee nama hamaa waanan tureef jaaladhees ta'e jaalatamee hin beeku. Jaalalli naaf haaraa ture. Yeroo sanatti 'Namni wal jaalate tasa wal dhabuu danda'a' kan jedhus keessa koo hin dhufne. Akkasumas jaalalli sobaa akka jiru hin beekun ture. Onnee koo guutuun kenneef isa dhugaan jaaladheen isheenis dhugaan akka na jaalattu natti himte. Haaluma kanaan ji'a sadii guutuu telegiraamidhan akkasumas bilbilaan hasa’a turre. Hanga kana suuraa irraan kan hafe karaan nuti ittiin wal beeknu hin jiru. Turtii booda garuu fedhiin qaamaan wal arguu nu keessatti uumame. Anis osuman sodaadhuu qaaman ishee arguu akkan barbaadu itti hime. Isheenillee yaada akkasii akka qabdu natti himte. Egaa guyyaa itti wal arginu beellamanne. Bakki beellama keenyaa yookaan itti wal arginu Magaalaa Amboo ture. Akkuma beellamanne guyyaan beellama keenyas ga'e. Yeroo jalqabaaf magaalaa Amboootti qaamaan wal agarre. Jaalalli anaaf haaraa waan tureef hedduun sodaadhe. Yeroo murtaa'eef arrabni kiyya ni hidhamee. Itti dubbachuu hin dandeenye ture. Garuu turtii booda xiqqo walitti dubbanne laaqanas waliin nyaannee magaalaa Amboo keessa asiifi achi walin deemuu eegalle. Guyyaan sun anaaf guyyaa addaa ture. Jireenya koo keessatti waanan argee hin beeknen arge. Edaa jaalalli hanga kana gammachuu namaaf keennaa? Guyyaa sana waanan lammaffa dhaladhe natti fakkaate. Osuma waliin oliif gad deemnee magaalaa Amboo daawwannuu aduun gara lixaatti naannofte. Osoo nuti hin fedhiin dirqamni mana mana keenyatti nu deebisuuf jetti. Silaa hin ta'uuf malee osoo akka fedha keenya waluman magaalaa Ambo bullee nutti tola ture. Garuu isheenis maatii waan qabduuf maatin itti dheekaamu. Kanaafu galuu waan qabduuf konkolaataa gara finfinnee deemu keessa seensisee nagaa itti dhaammadhee adda ishe dhungadhee biraa deebi'e. Garuu kan ishee biraa deebi'e qaama kooti malee yaadnif onneen koo ishee biratti hafan. Anis konkolaataa gara magaalaa Geedoo deemu qabadhee gara mana kootti qajeele. Akkanaan guyaa bareeda dabarsinee gara mana mana keenyaatti deebine. Jaalalli keenya kan duraa caalaa ho'aa adeeme wal malee jiraachuu akka hin dandeenye walitti himne, akka wal hin daganes waadaa waliif galle. Eega yeroo jalqabaa wal agaree boda ammas ji'a lamaaf qaamaan osoo wal hin argiin bilbilumaan waliin taphachaa turre. Jaalalli keenyas guyyaadha gara guyyatti dabalaa deeme. Guyyaa tokko Naaf bilbiltee akka na yaaddee fi na arguu akka barbaaddu natti himte. Anis tole jedhe. Guyyaa lammataaf bakkuma duraa magaalaa Ambootti wal arguuf murteessine. Akkuma jenne wal agarre ammas akkuma gaaf duraa guyyaa bareedaa fi yeroo jaalalaa bareedaa waliin dabarsine jaalala dhugaa waliin dhamdhamanne. Haaluma kanaan guyyaa tokko guutuu waliin oollee gara mana mana keenyatti deebine. Ammas jaalalli keenya haaluma bareedaa irra jira. Hiriyyoni koo hariiroo keenya beekan nutti qoosu turan. Egaa ammas akkuma barame bilbilaan wal argaa ji'a tokko lakkofsisne. Garuu ji'a tokkoon booda waan ani yaadee hin beekne tokkotu ta’e. Bilbilli siifan gaafa tokkoollee cufamee hin beekne cufaa ta'e. Irra deedeebi'ee bilbilus cufaa ture. Hedduun dhiphadhe. hedduun yaadda'es. Bilbila ishee irraa kan hafe kan maatii ishee yokan kan hiriyyoota ishee hin beeku. Kanuma isheeerattan dedeebisee bilbila. Haaluma kanaan osuman bilbila ishee dedeebisee yaaluu secondin daqiiqaatti, daqiiqaan sa'aatiitti, sa'aatiin guyyaatti, guyyaan Torbeetti jijiiramuun Torban tokko lakkoofsise. Dhugaa dubbachuuf bilbila ishee guyyatti yeroo 10 gadi yaalee hin beeku garuu waan haaraan hin jiru bilbilli ishee cufaadhuma. Finfinnee deemee ishee barbaaduuf mana isaanii hin beeku. Hedduun dhiphadhe, hedduun of jibbe, waanan godhu hunduu na harkaa bade. Guyyan natti dukkanaa'e yeroo sanatti waanan gochuu danda'u yoo jiraate imimaaniin fuula of dhiquu qofa ture, "ilmi dhiiraa imimaan hin buusu garaa isaatti boo'a" inni jedhan ana biratti soba ta'e imimaan of irra lolaaseen boo'e garuu waanan jijiire tokkollee hin qabu. Haga ammaatti siifan waliin eega bilbilaan wal agarree ji'a 8 darbee jira. Kan na dhibu haga ammaa ishee dagachuu dhiisuu kooti. Ammas taanaan torbeetti gaaf tokkollee ta'u bilbila ishee nan yaala. Waanti biraan hafee lubbuun jiraachuu ishee qofa osoon bekee sammun koo boqonnaa argata. Dhugaa dubbachuf Yeroo heddun ishee dagachuu yaale garuu hin dandeenye. Kanaafidha guyyaan ishee waliin wal bare sana guyyaa abaaramaadha kanan jedhef Dhukkuba daawwaa hin qabne natti tatee onnee kootu madaa'e. Kana hundaan kan na godhe onnee koo guutuu isheef kennuu kooti. Jaalala dhugaa ishee jaalachuun koo miidhaa hamaa kanaaf na saaxile. Namoota seenaa kana kana dubbistaniif waanan dhaamu yoo jiraate nama tokko gaafa jaalattan wal dhabuunis waan jiruuf of eeggannoo godhaa dursa ofiif kennaa. Galatoomaa!

Post a Comment

Previous Post Next Post