Dubartoota Morma Sattawwaa

Morma lookoo qabaachuun uumamamoo abbaatu tolfata…?
Qal’oo mudhii sonsaa, kan koomeen lafa uruu, kan konkonni foon muruu ishii ilkaan cabbii, ijumaan na agarsiis yaa Rabbi…” jedhanii akkatti miidhagina qaama shamarranii ibsaantu jira. Fuulaa waaqatu nama tolchaa, deemsa abbaatu of tolcha’ jette Adurreen akkuma jedhamu miidhagduu ta’anii mulachuun hawwattumaa akka dabalu waan amanamuuf dubartoonni caalmaan miidhagduu taanii mulachuuf wantoota gara garaa yoo raawwatanis ni mul`ata. Hara miidhagina mormaa irratti waa gurra isin buusuuf jenna. Miidhagina mormaa ibsuuf weelluu fi Afoolaan waantoota jedhaman keessaa muraasa kaasuun warra uumamaan morma lookoo taanii fi warra carraaqqiin morma dhedheeraa horatan fa`a biyya keessa fi biyya alaa dhiyeessina itti dhiyaadhaa! Weellisaa Abbabaa Abbashuu “Looko morma Sattawwaa, Bareedduu Intalaa Si argu hin beela’u Torbaan oole bule” jechuun dubartii mormiishi looko ta’e weelleen ibseera. Daawwitee Mokonnonis “magalleen bifaan boonti, diimtuun konkonaan boonti, lameenuu ni babbareeddi kam jaaleettan kam dhiisa?” jechuun bareedinni jaalalaaf ulaagaa akka ta’e bifa ibsuun sirbeera. ‘Lookoo morma lawwee, anuu suman hawwe’ jechuun Afoolli morma dheeraa ajaaibsiifatus hedduu dha. Ajaaibsiifachuurra darbee jaalachuun, amma amma ammo buddenas ta`aa dhufeera. Akka fakkeenyatti Hiwoot Baahiru haa kaafnu. Oromiyaan waanuma hundaanuu badhaatu dha mitiiree! Oromiyaa Bahaa, Harargee lixaa magaalaa Galamsootti intalli morma looko uumaan badhaase tokko Moodeela Intarnaashinaalaa taa`uun ijaaf gurra nama hedduu keessa seentee jirti. Hiwoot Baahiru Galamsootti dhalattee guddate. sababa morma looko yookiin morma dheeraa qabduf yaada namootarraa dhiyaatefiin barnoota Moodeliingii barachuun Indastrii Moodeliingiitti dabalamtee hojjeecha jirti. Akka Itiyoophiyaatti dubartii jalqabaa morma looko uumaan badhaasee qabdu jedhamuun Kitaaba galmee adda Afrikaa (African Book of Records) irraa bara kana waraqaa ragaa argateetti. Egaa Hiwoot morma lookoo uumamaan argatteen beekkamaa deemuun sadarkaa Ardii Afriikaatti biyya bakka bu`uun beekamtii argachuun ishii indaastirii Aartii fi Fiilmii keessatti simatamuuf caarraa addaat qaba. Buddeena gara fuulduraa ittiin bilcheefataa jirti jechuu dha. Morma dheeraa qabaachuun asitti afoolarra darbee jiruu taaa jira jechuu dha. Biyyoota Addunyaa biraatti hoo maal fakkaata? Na duukaa buaa. Hawaasni Mahakam Kayaan Lahwi yookiin (Padaung) jedhamun beekamu Indoneezhiyaa bosona roobaa odola Barneo keessa jiraata. Dubartoonni gosa Kayaan morma dheeraa qabaachuun addunyarratti beekkamu. Dubartoonni gosa Kayaan “Giraffe Women” takkawuu dubartoota morma sattawwaa jedhamun addunyarratti beekamu. Dubartoonni fi shamarran gosa Kayaan faaya mormaa naasa fi makaa warqeerra tolfame kaawwachuun beekkamu. Faaya mormaa kanas dubartoota qofaatu kaawwata. Gosti Kayaan faaya kana shamarran wayita umurii 5 hanga 9 giddutti argaman ijoollummatti tolfamaafi, adeemsan hanguma umuriin dabalaa deeman baay’inni faaya mormaa isaanirratti maramuun itti dabalamaafi deema. Gatiin bittaa faaya kanaa qaalii waan ta’eef faaya kana bituuf qabeenyi maatiin qabu murteessadha. Dubartoonni Kayaan faaya mormaa kg 15 ulfaatu, hanga maraa 32ti morma isaanirratti maratanii jiruu isaanii gaggeessuu. Dubartoonni Kayaan maaliif faaya mormaa kana akka kaawwatan yaadota adda addaatu jiru. Inni duraa shamarraniifi dubartoonni Kayaan qerransaan miidhaan akka irraa hin geenyef akka tajaajilu akkasumas shamarran isaanii gosa biraatti akka hin dabalamneef sanyii isaaniif eeggannoo taasisuufis isaan gargaara ilaalcha jedhu fa`atu jira. Inni biraa dubartiin mormii ishii yoo dheeratu caalatti miidhagdi jedhanii amanu, kanaafu faaya mormaa kana wayita kaawwatan morma isaaniif simboo dabaluuf akka gargaarutti fudhatama. Dubartoonni Kayaaan muraasni faaya mormaa kana umurii isaanii guutuu kaawwatu. Dubartoonni Kayaan faaya mormaa aadaa gosa Kayaan kana kunuunsuufi akka mallattoo gosichatti fudhatama. Guinness Book of Records kanaan dura dubartii gosa Kayaan yookiin (Padaung) kan taate dheerinni morma ishii Inchii 15¾ dheeratun riikardii qabaachuu beeksiseera. Turistoonni waggaa waggaan dubartoota Kayaan “giraffe women” morma satawwaa qaban jedhaman faaya mormaa miidhagaa kaawwatan kana daawwachuuf gara iddoo jireenya isaanitti ni imalu. Meeshaan faaya mormaa dubartoonni Kayaan kaawwatan kun hawwata turizimii ta’uunis turistoota naannawwicha daawwachuu dhufanirra galii argamsiisaa jiru. Meeshaa faaya bu’aa ogummaa harka isaanii ta’es turistoota garasaanii dhufanitti gurgurachuun akka madda galiitti itti fayyadamu. Dubartoonni hawaasa Kayaanis faaya mormaa adda ta’e ofiif kaawwataniin ofiisaanifis turiisti hawwatu. Biyyaafis galii galchu. Muuxannoo kanaan morma dheeraa uummachuuf yaalanii warri hin milkaa`iniifis jira. Sydney Smith dubartii morma dheeraa carraaqqi ishiin horachuuf muuxannoo warra Kayaan fayyadamuun hin milkaa`in hafan keessaay. Sydney Smith dubartii lammii Ameerikaa Gannaa 30ti. Sydney Smith addunyarratti morma dheeraa qabaachuun beekamuu barbaaddi ture, kanaafu muxannoo dubartoonni gosa Kayaan morma dhedheeroon beekaman gargaaramtee dheerina mormashii dabaluuf murteessite. Morma ishii dheereffachuuf sibiila ofiin qopheeffate mormashirratti waggoota 5’f kaawwachaa turtus sibiilicha morma koorratti maree deemuu na nuffisiise, hojii idlee koos hojjechuu hin dandeenye jechuun hawwii ishii morma dheereffachuuf qabdutti harka kennatte. Sydney Smith yeroo amma sibiilicha mormashirra hiikuun jiru ishii itti fufteetti. Waan taaanii fannisan kaani buusuuf nama dhiba akkuma jedhamu san ta’e dubbin. Yoomiifuu Morma lookoo qabaachuucf yoo akka dubartii Oromiyaa Galamsoo uumamaan yoo badhaafamu baatan umurii Guutuu sibiilota maraa mormarratti baachuun dirqma ta’a.

Post a Comment

Previous Post Next Post