Gaabbii
Duraan qulqulluu turtee waraqaa adii
Thank you for reading this post, don't forget to subscribe!
Amma erga dabalatte ati maqaa badii
Sagal dhiqattus sirratti barreeffame
Akkam gaarii hojjottu hamaa keetu odeeffame
Situuuuuuuu
Dursa hin laanneef hojii keef duruu
Atillee hin beektu yokis akka tasaati garuu
Sirratti dubatanii sirratti odeessanii
Hojii kee guyyaa tokkoon maqaa si xureessanii
Kanaan mataan si cabee xinsammuun si dhukkubaa
kanatu sitti dhaga’amee yaada kee si hubaa
Dogongora al-tokkoo arrabsoon kumaa
Harra gaarii gootus kan balleesse sumaa
Iti yaadi jechun beektonni illee sagal dubbatuu
sammuun kee garuu gaabbii booda malee hin hubatuu
Akkasiin maqaan si jijjiiramee gaariin kee dhokataa
Kanati miidhagsitee dubbattus didee sirkaa fokkataa
Maqaa kee hin eeggannee duraan balleessitee
ati Dhugaa karaarraa qabdee soba fakkeessitee
ati Dantaa guyyaa tokkoof imaanaa gurgurtee
Gabaabsitee yaadde male borii kee yoom abuurte
Seenaan akkanaan galmeerra si tufaa
Haqni garuu duruu dhara booda dhufaa
Dhugaan dubbatee sobni yammuu cabu
Gaabbii booda siif galanii sammuu keerraa wal qabu
Kaleessa jechuun deebitee guyyaa abaartaa
Kaleessammoo sobaan kakataa fooqii ijaartaaa
Ati hawaasa keessaa fudhatama dhabdee
Sitti fakkaateem olii gad-qabdee
Yammuu dubbattu kaleessa akkas hin seenee
shira keen kuftee hafte malee gamatti hin ceenee
Qulqulluun waraqaa erga qubeessaan faalamee
Jechi tokkittiin harka namaan irratti katabamee
Ofirraa hin haquu yoo ittuman badee malee
Lammaaffaa deebi’ee hin gurguramu dur gabaa keessa hafee
Maqaan si badee safuu hawaasaa keessaa baatee
Gaafa seenaa dagatteedha kan nama gumaa taatee
ati Waadaa kalee galte ofiin deebitee haaltee
yeroo ati Xinnaa abaarte akka waan hunda caalte
Maarree ati akkasiin gaabbii keessa teessa
Maqaa kana ofirraa kaaste akkamiin galma geessa
Daa’ima taatee dhalattee osoo ofirraa kaastee
ni jaallatta turte garuu dur-maqaa of baastee
deddeebi’anii si reebaa harra gaabbiituu
Haalluu jijjiirratee sitti gurraacha’e wanti hunduu
Bishaan uumamaan yaa’u karaa sitti dhaabbataa
Namni si jaallatuyyuu halalaan nagaa si gaafataa
Mukti dur firii godhatu gogee si duraa kufaa
As deemtus achi deemtus hojii keetu si dura dhufaa
kanumaaf
Carraakoo jettee abjuu keenillee of arrabsitaa
Ofii gabaa keessaa of baastee miira kee cabsitaa
Bu’aa hojii kee kaleessaa nyaattakaa tasa hin quuftuu
akkas hin seenee yeroo walga’ii keessatti balleessituu
kan namni sitti kolfee si ajeeffatuu
osooti beekaa taateelle namnuu sin dhaggeeffatuu
quba sitti qabuudhaa walitti hasaasanii
seenaa kee kaleessaa xinnaaf guddaatti odeessanii
qaaniin lafa ilaalta ceephoo ofirraa hin buustuu
seenaan seenaadha malee hojiikee hin guustuu
dhiphattee akkaa kanaan ofii rakkistaa
maqaa kaleessaan atiyyuu of arrabsitaa
osoo gaarii gootee gaariidhuma fudhattaa
maqaan kee leellifamee gammachuu argattaa
hojiin keetu gufuu taanaan deebitee gufatta
seenaa hin dhokatuu ofuma hamina kuufatta
dhugaa beekamu bishaan ta’uuf cabbiitu baqaa
Namnuu gaarii kee hin odeessuu daandiin sirra goraa
tuffiin namaa isumati beektudha irra siif hin darbuu
Dogongoraan gooteef namatu si gorseelle namn hin baru
namnuu Quba sitti qabee maqaa kee waamaa
gaarii hojjeettes namni dogongora jedhee amana
Kanaafuu maal gootaree hamaarraa of qusadhuu
Haqaan jibbamii mi’aa dhabii busadhuu
Dhanga’gaa’ii maqaa gaariin hafii
Hamina yaaddu dhiisikaa amma dafii
Ofirratti hin barreessinii maqaa hamaaf gadhee
Natti tola osoon nama tole naan jedhu argadhee!!!!
Tags:
Bashanansiisoo