Kiim Joong Uun: Wantoota waa'ee hogganaa Kooriyaa Kaabaa hin beekne shan

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun dhuguma waggaa 40 guutuufi? Guyyaan dhalootasaa inni sirriin icciitiidha. Gaaffilee shanan waa'ee hogganaa abbaa-irree hin deebi'an jiran jiru. Guyyaan dhalootaa hogganaa kanaa gaafa Amajji 8, akka tahe amanama.Tahus guyyaa dhalootasaa sirrii tahuu irratti garuu waliigalteen hin jiru. Waa'ee nama kanaa waanti icciitii tahe guyyaa dhalootasaa qofa miti. Bara 2011 aangootti erga dhufee gaaffileen hin deebine shan kunooti. 1. Kiim Joong Uun yoom dhalate? Mikanaan waanti beeknu hin jiru. ''Bara dhalootasaa irratti falmiitu jira. Yunivarsiitii Okisfarditti barsiisaan siyaasaa Dr Ediwaard Hooweel 1982,1983 ykn 1984 akka tahuu malu dubbatu. Guyyaan guyyaa dhalootasaati jedhamee amanamu Amajji 8 biyya kooministii kana keessatti guyyaama hojii idileeti. Guyyaan dhalootaa abbaasaa Kiim Joong 2ffaa garuu gaafa Guraandhala 16, Guyyaa Qorsa Calaqqisaa jedhamuun kabajama. Guyyaan akaakayyuusaa Kiim 2ffaa Saang ammoo gaafa Ebla 15 Guyyaa Biiftuu jedhamuun kabajama. Odeeffannoon baayyee waa'ee maatiisaa ilaallatu ammallee icciitii taheetu jira. Dhimma Kooriyaa Kaabaa addatti kan qoratu Dr Hooweel Kiim obbolaa abbaa biraa irraa dhalatan akka qabu beekna jedhu. Kiim Joong Naam kan jedhamu bara 2017tti Maalezhiyaa keessatti ajjeefame. Abbaan Kiim Joong Uun yoo xiqqaate haadhoti warraa afur akka qabu amanama tahus jireenyi dhuunfaa isaa ija uummataa duratti waan mul'achaa ture miti. Haatisaa Koo Yaang Huuyi Jaappaanitti akka dhalatteefi 1960 keessa Kooriyaa Kaabaa hojii daansiidhaaf akka deemte yaadama. Abbaan Kiim Joong Uun ishee warra kaanirra akka caalsifatu himama. Bara 1973tti yeroo isheen Jaappaan daawwattuu suuraan kaate bara 2018tti uummataaf ifa bahee ture. Gaazexaan Kooriyaa Kaabaa Korea Times jedhamu Koo Yaang sababa lammii Jaappaan taateefi hojii daansii keessa waan turteef waa'eenshee uummatarraa dhokfama ture. ''Jaappaan yeroo Waraana Addunyaa 2ffaa qarqara galaanaa Kooriyaa qabattee turteetti Jaappaanitti dhalachuun akka sadarkaa hawaasaa gad-aanaarra jirtutti ilaalama. Kiim Joong Uun 2ffaatti waan heerumteef jireenya qananii jiraachaa turte,'' jedhu Dr Hooweel. 2. Haati warraa Kiim eenyu? Haati warraa Kiim Joong Uun eenyu akka taate mirkanaan waan beekamu hin jiru. Haadha warraa Rii Sool Juu jedhamtu akka qabu beekama garuu yoom akka wal-fuudhan sirriitti hin beekamu kanneen 2009tti jedhan jiru. Waa'ee Rii Sool Juu baayyee hin beekamu shamarree yeroo weellistuu qalbii Kiim boojitee dha? Weellistuun Kooriyaa Kaabaa maqaashee qabdu jirti, ishee dha moo miti kan jedhu irratti garuu waan mirkanaa'e hin jiru. Miseensi paarlaamaa qondaalota tikaa eeruun Rii Sool Juu bara 2005 garee atileetotaa waliin yeroo dorgommi Shaampiyoonaa Atileetiksii Eeshiyaa, Kooriyaa Kibbaa daawwattee turte, Chaayinaatti muuziqaa baratteetti jedhu. Kooriyaan Kaabaa haadha warraa Kiim dha jechuun alatti odeeffannoon dabalataa kennite hin jiru. 3. Kiim ijoollee meeqa qaba?
Dhimmi maatii mirkanaan hin beekamne ammoo Kiim ijoollee meeqa akka qabu dha. Rii Sool Juun bara 2016tti ija uummataa duratti dhokachuun waan ulfa taateefi jedhamee garuu ergasii waan ifatti mirkanaa'e hin jiru. Ijoolleen lama bara 2010 fi 2013tti dhalatan akka jiran amanama garuu saalli isaanii dhiira akka taheefi aangoo dhaaluu isaanii irratti waan beekamu hin jiru. Waa'eema isaaniiyyuu waan xiqqoo qofatu beekama. Hogganaan Kooriyaan Kaabaa kuni intalsaa lammffaa akka taate kan amanamu Kiim Juu Aa yeroo isheen ganna 10 turte waliin uummata duratti mul'atee ture. Bara 2023tti yoo xiqqaate al-shan uummata duratti mul'atteetti. ''Ammallee waa'ee ijoolleesaa waan guutummaatti beeknu hin jiru,'' jedhu Dr Howeel. Taphataa kubbaa kachoo Ameerikaa duraanii kan tahe Deeniis Roodmaan hiriyyaa dhihoo Kiim Joong Uun yoo bara 2013tti isatu maqaa intala Kiim kan ifatti hime. ''Ijoollee biraas qaba garuu waan muraasatu waa'ee isaanii beekama. Haati isaanii eenyu akka taate hin beeknu,'' jedhan waa'ee Kooriyaa Kaabaa ogeessi qoratu. Dr Hooweel faallaa xiinxaltootaaafi dhaabbata basaasaa Kooriyaa Kibbaan, Kiim Juu Aa hoggansa dhaaluuf qophaa'aa jirti waan jedhutti hin amanan. Isheen kuni ijoollee dha, obboleettiin Kiim akkaan dhageettiifi muuxannoo qabdu irra caala obboleessashee dhaaluuf dorgomtuu tahuu malti jedhan. ''Hogganaan Kooriyaan Kaabaa yeroo misaayeeliin dhukaafamu, tapha kubbaa miilaafi kaan irratti kan inni mucaasaa waliin mul'atu nama maatiifi arjaa tahuusaa agarsiisuufi,'' jedhanii amanu Dr Hooweel. 4. Biyyi yoo hiyyeettii taatee Kiim akkamiin qananiin jiraata? Kooriyaa Kaabaa fi hogganaan ishee sababa oomisha meeshaalee waraanaa nikularaafi baalaastiikii misaayelii biyyoota lixaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irraa qoqqobbii cimaatu irra jira. Dr Hooweel akka jedhaniitti Kiim Joong Uun qoqqobbi ofirraa kaasuuf waan danda'e hunda raawwata jedhan. ''Biyyattiin qarshii seeraan alaa mootummaa biyyattii itti fayydamu qabdi. Kiim kana qabchuun maatiisaafi inni jireenya qananii akka jiraatan godha.'' Biyyooti addunyaa garagaraa Kooriyaa Kaabaaf qarshii kennuuf eeyyamamoo tahan jiru jedhu Dr Hooweel. ''Namoonni Kooriyaan Kaaba adda baatee jirtu kan intarneetiillee hin qabnetti yaadu. Intarneetii mootummaan itti fayyadamu qabdi. Waraanni saayibarii tarsiimoo murteessaa taheetu jira biyya sanatti. Hoggansi Kiim koompiitara biyyoota biraa butuun maallaqa diinagdee ittiin adeemsisuufi sagantaa niwukilaaraa isaaf qarshii hatu,'' jedhan Dr Howeel. 5. Kiim waa'ee uummatasaa ni dhimmamaa? Haasaa agarsiisa waraanaa bara 2020 qophaa'erratti eenyummaan addaa nama kanaa mul'ate. Loltoota isaa yeroo weeraraa hojii hojjetaniif galateeffate. Waa'ee rakkoo biyyattii gaafa haasa'u imimmaansaa haqachaa ture. Akkasitti miira ibsachuun waan takka hin baratamne dha. Kanneen yeroo biyyattiin rakkoo diinagdee keessa jirtutti kabaja agarsiisuuf tahuu mala jedhan jiru. Haa tahu malee jireenyi qananii hogganaa Kooriyaa Kaabaa kuni waan faallaa agarsiisa. Kiim Joong Uun akka akaakayyuunsaa gochaa ture imala dheeraa baabura qananii fayyadamuun adeema. Imala bara 2001 abbaan Kiim, Kiim 2ffaa Saang taasisan irratti wajjin kan ture komaandariin Raashiyaa kitaabasaa keessatti qabeenya akkaan guddaa tahe akka qaban eereera. ''Gosa nayaataa kamiyyuu kan Raashiyaa, Chaayinaa, Kooriyaa fi Jaappaan,'' jechuun barreesse. Paaristti nyaataafi gosa waayinii adda tahe ajajjee nyaatta jedhe. Xayyaara dhuunfaa fi maloota geejibaa qananii fayydamuun jireenya hiyyummaa uummata Kooriyaa Kaabaa waliin yoo ilaalamu akkaan wal-faallessa. Jiraattonni Kooriyaa kaabaa hanqinni nyaataa akka jiruufi ollaan isaanii beelaan akka dhuman BBCtti himaniiru. Bara 1990 irraa qabe haalli biyyattii keessa jiru haalaan hammaataa dha jedhu. Kuni waa'ee waanta Kiim dursa kennuufi maal jedha? ''Mootummaasaa qofa osoo hin taane, hooggansa cunqursaa tahes akkasiin tursuu barbaada. Waa'ee uummata miiliyoona 26 waan dhimmamu hin fakkaatu,'' jedhu Dr Howeel. ''Kuni tasiimoo gara fuulduraatti isa adeemsisu akka tahe yaadaa?''

Post a Comment

Previous Post Next Post